Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC) – Haleellaa haaraa gareen shororkeessaa ABUT naannoo Afaar irratti baneerra kan ka’e konkolaattonni meeshaalee deeggarsa namoomaa fe’anii gara Maqaleetti imalaa turan duubatti deebi’uu ibsame.
Haleellaa garichi karaa Afaar meeshaalee waraanaa gurguddaa fayyadamuun baneen namoonni kumaatamatti lakkaa’aman qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu DhMGtti waajjirri ergamaa dhaabbii Ityoophiyaa beeksiseera.
Tutuqaa fi soda nageenyaa garichi uumeen konkolaattonni fe’iisaa deeggarsa namoomaa fe’anii gara naannoo Tigraayitti imalaa turan gara naannichaa senuu kan hin dandeenye ta’uu fi duubatti deebi’uuf dirqamuu ibsameera.
Gochi garichaa kun tapha siyaasaaf jecha lammiilee nagaa beelaaf saaxcilaa jiraachuu kan argisiisu ta’uu eerameera.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.