Haleella saaybarii dhaabbilee miidiyaarra ittisuuf waliigalteen mallateeffame

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC)- Eejansiin Nageenya Infoormeeshinii fi Abban Taayitaa Broodkaastiingii Ityoophiyaa haleella saaybarii dhaabbilee miidiyaarra ittisuuf dhimmoota dandeessiisu irratti waliin hojjachuuf waliigalte mallateessaniiru.

Waliigaltichi dhaabbilee miidiyaa haleellaa saaybariirra ittisuun miidiyalee amanamoo fi nageenyummaan isaanii egamee ijaaruuf kan karoorfate ta’uu daayreektarri olaanaa Eejansii Nageenya Infoormeeshinii Dooktar Shuumatee Gizaaw dubbataniiru.

Bara baajata darbeen Ityoophiyaatti dameeewwan haleellaa saaybarii irraatti raawwatame keessaa dhaabbileen miidiyaa sadarkaa 2ffarratti argamu.

Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Broodkaastiingii Ityoophiyaa Dooktar Geetaachaw Dinquu, miidiyaaleen itti gaafatamuumma odeeffaannoo sirrii dhaggeeffattotaa fi daawwattotaaf laachuu akka qaban ibsuun kanafis odeeffaannoo isaanii haleellaa saaybariirra akka eegan ibsaniiru.

Obsee waaqgaariitin

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment