Hagayya 17’f haa qophoofnu-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 12, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Hagayya 17, 2016 duula guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuu gaggeeffamuuf haa qophoofnu jechuun waamicha taasisan.

Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti, bosonni fayyummaa dachee keenyaa fi nageenya ilmaan namaaf baay’ee barbaachisaadha.

“Oksijiinii nuuf kennanii kaarboonii kuusuudhaan haala qilleensaa too’atanii jijjiirama qilleensaa hir’isuuf gargaaru” jedhan.

Bosonni uumamoota miliyoonatti lakkaa’amaniif man’ee jireenyaa ta’uudhaan lubbu qabeeyyii of keessatti akka qabatan ibsan.

Bosona qabnu haa kunuunfannu jedhanii, “Biqiltuuwwan dabalataan dhaabuudhaanis uwwisa bosona keenyaa haa guddifnu; Hagayya 17 f haa qophoofnu” jechuun wamaicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment