Haatii warraa fi ilmii ambaasaaddar Siyyuum Masfiin Mana Murtiitti dhiyaatan

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC)-Kaleessaa to’annaa jala kan oolan haati warraa Ambaasaaddar Siyyuum Masfiinii fi ilmii isaanii Mana Murtiitti dhiyaataniiru.

Haati warraa ambaasaaddaricha Falagahiwoot Barihee fi ilmii isaanii Fulbaana 30 booda mootummaan hin jiru jechuun garee ABUT fi hoggantoota ABO Shaneerraa ergama fudhachuun maallaqa raabsuu fi dargaggoota filuun Finfinneetti hokkora kaasuuf shakkamanii to’atamuu isaanii qorataan poolisii beeksiseera.
Shakkamtoonni kunneen manneen mootummaa fi mana jireenyaa Tsahaay Reel Isteet maqaa Siyyuum Masfiiniin galmaa’ee irratti ajaja mana murtiitin qorannoon taasifameera jechuun qorataan poolisii ibseera.
Manneen mootummaa keessaatti sakattoo taasifameen shugguxiin 2 argameera.
Akkasumas sakattoo mana jireenyaa Tsahaay Reel Isteet keessaatti taasifameen meeshaaleen elektirooniksii argamuu qorataan poolisii dhaddachichaaf ibseera.
Poolisiin qorannoo dabalataaf yeroon dabalataa na barbaachisaa jechuun gaafateera.
Haati warraa obbo Siyyuum aadde Falagahiwoot, shugguxiin inni tokko abbaan warraa koo itti fayyadamaa kan ture yoo ta’u, inni biroon ammoo kenna biyyaa alarraa laatameefidha jechuun ibsaniiru.
Shakkamtoonni mirgi wabii akka isaaniif laatamu kan gaafatan yoo ta’u, ilmi koo Aga’aazii dhukkuba sammuu waan qabuf qorichi akka galuuf jechuun gaafateetti.
Mana Murticha dhimmicha erga ilaalee guyyoota qorannoo dabalataa 8 eeyyameera.
Qorichi barbaachisu akka galuuf poolisii ajajeera.
Taarik Addunyaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment