Haatii fi daa’imni umrii waggaa 10 gamoon irratti jigee ture sa’aatii 52 booda lubbuun argaman

Finfinnee, Bitootessa 1, 2012 (FBC) – Chaayinaatti haatii fi daa’imni umrii waggaa 10 gamoon irratti jige sa’aatii 52 booda lubbuun argamuun ibsame.
Sanbata darbe Kibba Baha Chaayinaa bulchiinsa Fujaanitti namoota qophaatti foo’amnii hoteela keessatti yaala vaayrasii koroonaarra turanii fi hojjetoota hoteelichaarratti gamoon jiguun miidhaa qaqqabsiisuun isaa ni yaadatma.
Balaan ga’e kun namoota 20 lubbuu dabarseera.
Duula lubbuu baraaruu hojjetamaa tureen sa’aatii 52 booda haatii tokko ilma ishee waliin lubbuun argamtee jirti jedhame.
Haati argamte barbaacha sa’aatii 3 booda daa’imni ishees lubbuun argamuutu himame.
Dubartiin kun namni waggaa 20 tokko ammallee gamoo jige kana jala jiraachuu ibsiteet jirti.
Dabalataan namoonni 10 hanga ammaatti hin argamne jedhame.
Hojii lubbuu baraaruu hojjetameen walii galaan namoota 853 lubbuun baraaruun danda’amuu itti aanaan ministira Ministeera To’annaa Balaa Chaayinaa Shaang Yoong himaniiru.
Namoota du’an keessa 6 kanneen vaayrasii koroonaan qabamanii yaalarra turan ta’uun ibsameera.
Maddi:-CGTN

 

Comments (0)
Add Comment