Haaromsi masaraa mootii Abbaa Jifaar %26 ga’e

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Haaromsi masaraa mootii Abbaa Jifaar %26 ga’uu Abbaan Taayitaa Eegumsaa fi Qorannoo Hambaa beeksise.

Masarichi kan ijaarramee waggaa 140 dura.

Haaromsi eegalame amma %26rra ga’uu Abbaan Taayitaa Eegumsaa fi Qorannoo Hambaa beeksiseera.

Abbaa taayitichaatti itti aanaa daayreektara olaanaa gargaaraa proofeesaraa Ababaaw Ayyaaleew proojaktiin haaromsichaa baatii Fulbaanaarra eegaluusaa ibsaniiru.

Haaromsicharratti Imbaasiin Ameerikaa, Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Oromoyaa akkasumas Waajjirri Aadaa fi Tuuriizimii Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa qindoominaan hojjechaa jiru.

Hanga ammaatti mootummaatti haaromsichaa fi qorannoo isaa dabalatee Birrii miiliyoona 2.8 baasii taasisuus himaniiru.

Imbaasiin Ameerikaa ogeeyyota alaa dhufaniif kan oolu deeggarsa Doolara Ameerikaa kuma 200 taasisuu ibsaniiru.

Abbaan taayitichaa haaromsichi kan eegale gama masaraa mootii isa guddaa otuu hin taane, miidhaa hedduun irra ga’ee kan ture mana jireeenya dubartootaarrati jedhan.

Lafaa fi dhaaba mana tokkorraa kan hafe hojiin isaa xumuramuu EBCn dubbisiisera.

Yeroo ammaa kana baaxii isaatu hojjetamaa jira.

Bara kana hanga baatii Waxabajjiitti hojii dhagaa otuu hin dabalatin hojii mukaa xumuruuf carraaqqiin taasifamaa jiraachuu gargaaraan proofeesaraa Ababaaw himaniiru.

Bara dhufutti haaromsi masaraa mootii Abbaa Jifaar guutummaatti akka xumuramu ibsaniiru.

Comments (0)
Add Comment