Haalli waqtaawaa Libaanositti mudate nageenya lammiilee Itiyoophiyaarra rakkoo akka hin qaqqabsiifne hordoffiin taasiifamaa jira – MDhA

Finfinnee, Fulbaana 20, 2017 (FBC) – Haalli waqtaawaa Libaanositti mudate nageenya lammiilee Itiyoophiyaarra rakkoo akka hin qaqqabsiifne itti dhiyeenyaan hordoffiin taasiifamaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon Dippiloomaasii lammiirratti xiyyeeffate ilaalchisee qooda fudhattoota waliin haala waqtaawaarratti mari’ataniiru.

Muddamni Libaanositti mudate lammiilee Itiyoophiyaa Libaanosii fi Beeruut keessatti argamanirra rakkoo akka hin qaqqabsiifne hojjetamaa jiraachuu Ambaasaaddar Burtukaan eeraniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa haala uumame xiyyeeffannoo addaan hordofaa jiraachuu kaasaniiru.

Yeroo itti aanus mootummaan hordoffii lammiif taasiisuu fi deeggarsa gama Waajjira Olaanaa, Qoonsilaa Jeneraalaa, akkasumas gurmaa’insa hawaasaan odeeffannoo kan qaqqabsiisu ta’uu himuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment