Finfinnee, Fulbaana 12, 2015(FBC)- Haalli rooba waqtii birraa dhufuu idileen gadi akka ta’u Inistiitiyuutiin Raaga Haala Qilleensaa beeksise.
Inistiitiyuutichi gamaaggama raaga waqtii gannaa darbeefi raaga qilleensaa waqtii birraa dhufurratti waltajjii marii gaggeesseera.
Hojiin dhiibbaawwan taateewwan jijjiirama haala qilleensaan uumamuu danda’an hordofuun odeeffannoo fayyadamtoota biraan gahuu hojjetamaa jiraachuu Daayrekatarri olaanaan inistiitiyuutichaa obbo Faxxanaa Tashoomaan ibsaniiru.
Haala raaga qilleensaa yeroo ammaa jiruun naannawaan Kibba Oromiyaa, Sidaamaa, Uummattoota Kibbaafi Kibba Lixa Ityoophiyaa giddugaleessaan rooba miliiliitira 200 hin caalle kan argatan ta’uu eeraniiru.
Garbi Paasifik haala idileerra diilallaa’uuniifi ho’i naannawaa lixaa Garba Hindii Ityoophiyaa dabalatee naannawaa Afrikaa Bahaatti tatamsa’inni roobaa idileen gadi akka ta’u taasisuu addeessaniiru.
Tarsiimoowwan haala rooba idileen gadii dandamachiisuu danda’an bocuun barbaachisaa ta’uu ibsuu ragaan inistiitiyuuticharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.