Haalli qilleensaa Gogaa, aduu fi qilleensaa’aan yeroo amma jiru guyyoota kurnan itti aanaan itti fufa jedhame

Finfinnee,Mudde 1, 2017 (FMC) – Haalli qilleensaa Gogaa, Qorraa, aduu fi bubbisaan yeroo amma jiru guyyoota kurnan itti aanaan kan itti fufu ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise.

Guyyoottaan kurnan itti aanaan, keessattuu guyyoota jalqabaa haalli qilleensaa Gogaa fi haalan Qorraan amma jiru cimee kan itti fufu ta’uu ragaaleen haala qilleensaa argame kan mul’isu ta’uu himeera.

Haaluma kanaan kutaaleen biyyattii harki caalu qilleensa Gogaa, qorraa, Aduu fi Bubbisaa ta’e kan qabaatan ta’uu Inistiityuutichi eereera.

Kutaalee Kaaba Bahaa, Kaabaa, Bahaa fi Kibba biyyattiitti halkanii fi ganama qilleensi qorraan cimee kan itti fufu ta’uu ibseera.

Gama biroon kutaaleen Lixaa fi Kibbi Lixa biyyattii Duumeessa kan qabaataan ta’uu himuun, kanumaan walqabatee kutaaleen Lixaa fi Kibbi Lixaa Rooba Waqtii 2ffaa argatan Rooba salphaa argachuu akka danda’an ragaan Inistiityuuticharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment