Haalli qilleensaa fuulduratti jiraatu balaa lolaa hordofsiisuu waan maluuf hawaasni akka of eeggatu eerame

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Haalli qilleensaa fuulduratti jiraatu naannawaa tokko tokkotti balaa lolaa tasaa hordofsiisuu waan maluuf hawaasni of eeggannoo akka taasisu Inistitiyuutiin Raaga Haala Qilleensaa Ityoophiyaa hubachiiseera.

Inistitiyuutichi raaga haala qilleensaa guyyoottaan 10’n dhufanii baaseen, roobni dabalaa akka deemuu fi hammeentaanis ta’e uwwisaan naannawaa hedduutti roobni akka jiraatuu eereera.

Naannawaa tokko tokkotti ammoo roobni cimaan balaa lolaa tasaa hordofsiisu akka jiraatu ragaaleen raaga haala qilleensaa akka argisiisan inistitiyutichi ibseera.

Haalli qilleensaa kun Gannaa kana sochii qonnaaf cina gaarii kan qabaatu yoo ta’u, naannawaalee hedduun irra jireessaan rooba idilee fi idileen olii akka argatan eereera.

Jiidhina biyyee fooyyessuun oomishaalee dursanii facaafamaniif, akkasumaas biqiltuuwwan garaagaraaf fayidaa qabeessa akka ta’e eerameera.

Faallaa kanaan naannawaa tokko tokkotti ammoo roobni cimaan kan eeggamuu ta’uu ibsuun, keessumaa jiidhina biyyee dabaluun, naannawaalee balaa lolaaf saaxilamoo ta’anitti dhiqamuu biyyee fi sigigaachuu lafaa dabalatee rakkoolee biroo hordofsisuu waan danda’uuf hawaasni eeggannoo barbaachisaa taasisuun murteessa ta’uu ibseera.

Dabalataanis, sababa jiidhina hedduumminaan aramaan baay’achuu waan danda’uuf eggannoo duraa barbaachisaan akka taasifamuu hubachiiseera.

Gama biraatiin, naannawaa horsiisee bultootaa fi gariin horsiisee bultootaatti jiidhina guyyoota darban uumamanitti dabaltaan dhiyeessii bishaan dhugaatii fi lalisuu nyaata beeyladootaa gama fooyyessuutiin cina gaarii akka qabaatu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment