Finfinnee, Caamsaa 26, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa biyya seeraa fi sirnaan bultu keessatti yaaliin qaxxaamuraan aangoo mootummaa qabachuuf taasifamu milkaa’uu kan hin dandeenye ta’uu beeksise.
Mootummaan naannichaa haala yeroorratti ibsa laatera.
Ibsi guutuun haala armaan gadiin dhiyeetera
Waggoottan kurnan sadan darban keessa akka biyyaafi naannootti heeraafi seerota hirmaannaa ummataatiin ummataaf qophaa’an qabaachuun dandaa’ameera. Haa ta’u malee, sababa hanqina hojiirra oolmaa heeraafi seerotaatiin komiifi mufannaa ummanni sirnaafi hoggansarratti qabaachaa ture hanga waggaa lama darbe kaleessaatti kan ture ta’uunsaa ni yaadatama.
Dhiibbaa ummataafi qophaa’ummaa humna jijjiiramaa paartii biyya bulchu keessaa dhalateen jijjiiramni bifaafi bocaan haaraa, gaaffiifi fedhii ummataa giddu-galeeffateefi ofittummaa, seera-maleessummaafi albaadhummaa dhabamsiisuun, haqaafi walqixxummaa mirkaneessuuf kaayyeffate dhufeera. Umrii waggaa lamaa kana keessatti qabiinsa mirga namoomaa, dirree demokraasiifi siyaasaa bal’isuufi hiree walqixxummaa yaadaa, amantaafi ilaalcha bilisaan tarkaanfachiisuu mirkaneessuun dandaa’ameera.
Naannoofi biyya keenya keessatti gaaffiin bilisummaa yaadaafi ilaalchaa, kabaja mirga namoomaafi demokraasii, akkasummas haqa-qabeessummaafi itti fayyadama misoomaa waggoottan dheeraa kan lakkoofsisee dha. Kuufamni gaaffii yeroo dheeraa kun, boqonnaa jijjiiramaa umrii waggaa lamaa kana keessatti deebii ajaa’ibsiisaa argamsiisuu eegaleera. Haa ta’u malee, injifannoon yeroo gabaabaa kana keessatti argame qaroo ofittummaafi fedhii dhuunfaatiin jaametti mul’achuu baatus, lafarratti kan mul’atuufi qabatamaan kan dubbatuu dha.
Injifannoo kumaafi kitila barii boqonnaa jijjiiramaatti gonfanne keessaa humnoonni siyaasaa maqaa qabsoo hidhannootiin gammoojjii biyya hambaa keessa daheeffatanii waggoottan lakkoofsisan akka biyyatti deebi’aniifi karaa nagaa qabsaa’an godheera. Biyya keessatti dirreen siyaasaafi demokraasii akka bal’atu gochuuf riifoormiin seeraafi bulchiinsaa taasifame qabatamaadhaan firii argamsiiseera. Biliisummaa dhaabbilee demokraasii kanneen akka boordii filannoo, miidiyaa, waldaalee hawaasaa, abbagaar ummataafi dhaabbata mirga namoomaa mirkaneessuuf sirreeffamoonni seeraafi ijaarsi dhaabbilee cimee itti fufeera.
Kana malees, lammiileen hanga kuma dhibba tokkoo ga’an, sababa ilaalcha siyaasaafi mirga namoomaa uumamaan qaban tarkaanfachiisaniin mana hidhaa itti darbataman keessaa gadi lakkifamaniiru. Seenaa mana hidhaa waggoottan 27 keessatti lakkoofsisaniin adda durummaan kan yaadataman ijoolleen Oromoo kumni 60n carraa gadi lakkifamuu kana argataniiru. Maatii, hollaafi fira addaan bahanii wal yaadaa turanitti wayita deebi’an, misiraachoofi gammachuun ture guddaa dha. Ummanni aantummaa humni jijjiiramaa agarsiise kana sababeeffachuudhaan dirrreetti ba’ee galateeffateera. Dhugaan kun sababa kamiinuu haalamuufi faalamuu kan qabu miti.
Mootummaan federaalaafi naannoo Oromiyaa ummanni waggoottaniif ukkaanfamee ture bilisummaa yaadaafi carraa demokraasii akka argatuuf dubbii hunda obsaan ilaalaa tureera. Humnoota daandii qabsoo karaa nagaafi hidhannoo walitti makanii socho’an jiraachuu osoo ilaaluu, daandii sirriitti akka deebi’an gochuuf wareegama hedduu kaffalaa akka ture ummata duraa kan dhokate miti. Hoggansi paartiifi mootummaa, ogeeyyiin caasaa sadarkaan jirurratti hojjetaniifi humnoonni nageenyaa hedduun wareegama lubbuu kaffalaniiru. Maatiin isaanii sababa kanaan faca’eera. Abiddaan gubatanii, qaamaafi miiraan hir’atanii kan buqqaa’aniifi baqatanii kan jiraatanis danuu dha.
Gama biraatiin ammoo, ummanni sababa dhabamuu nageenyaatiin wareegama gama dinagdeetiin kaffaleen cinaatti, balaa uumame keessatti gaaga’ama qaamaa hanga lubbuutti kaffaleera. Humni maqaa Waraana Bilisummaa Oromoofi abbaa torbeetiin socho’u nageenya naannichaa jeequufi ummata tasgabbii dhabsiisuurratti kan bobba’ee dha. Du’a lubbuu, hir’ina qaamaafi gaaga’ama dinagdee naannicha keessatti qaqqabe kamiifuu inni calqabaafi xumuraa ABO Shaneeti.
Bifuma wal fakkaatuun, humni wiirtuu siyaasaa biyya keenyaa magaalaa Finfinneefi magaalota gurguddoo biroo keessa taa’anii olola sobaafi ajandaa walitti buhiinsaa oomishaa oolan akka jiranis mootummaan ni beeka. Humnoonni kunneen baattota ergama humnoota mufattootaa keessoo biyya keenyaafi tajaajiltoota humna alaa mirga itti fayyadamummaa qabeenya uumamaa keenyarratti hiixatanii ta’uu isaaniis qabatamaan hubatameera. Haa ta’u malee, mootummaan ummata gaaffii bilisummaa yaadaafi birmadummaa ilaalchaa kaasaa tureefi ummata bal’aaf kabajaa qaburraa kan ka’e obsa guddaa agarsiiseera. Daldaltoonni maqaa qabsootiin dhiiga ummataa dhangalaasanii maallaqa walitti sassaabbatanii baran kunneen, ammas taanaan adabachaa hin jiran. Dogongora kaleessa ergaa hin malle tamsaasuun lubbuufi qabeenya lammiilee mararfannurratti raawwatan irraas barachuu hin dandeenye.
Haa ta’u malee, dhaabbanni idil-addunyaa Aminestii Internaashinaal jedhamu gabaasa bu’aa qorannoo qabiinsa mirga namoomaa Itoophiyaa jedhee baase keessatti, funaansa yaada gam-tokkee tarreesseera. Humni nageenya kabachiisuuf bobba’e qofti ummata nagaa akka ajjeesetti balballoomseera. Kahumsa boora’uu nageenyaafi dhiittaa mirga namoomaa waraana Bilisummaa Oromoofi maqaa abbaa torbeetiin magaalota naannichaa keessatti hoggansaafi hojjetaa mootummaa, akkasumas hawaasa nagaa irratti raawwataa ture, gonkumaa akka hin dhageenyetti waakkatee bira darbeera.
Boqonnaan keessa jirru kun balaawwan gama hedduu yeroo itti keressummeessaa jirruu dha. Gama tokkoon weerarri Koronaa idil-addunyaawaa ta’e akka biyyaafi ummataatti miidhaa fayyaafi dinagdee nurraan ga’aa jira. Gama biraatiin aggaammiin hidhata humnoota baandaa keessoofi ijiptiitiin hidha laga Abbayyaarratti taasifamu qormaata keenya isa biroo dha. Mootummaan ummata qindeessuudhaan hojii misoomaa damee hundarratti cimsee itti fufsiisuufi qormaata gam-lamaanii injifachuuf yeroo hojjechaa jiru kanatti, sochiin birmadummaa biyyaa gaaffii keessa galchuuf taasifamu gantummaa dha. Kanaafis, obsi mootummaan dirree siyaasaa bal’isuufi bilisummaa yaadaa mirkaneessuuf taasifamu gatii hin malle akka nu hin kaffalchiifneef, kanaan booda of eeggannoo ol’aanaadhaan ol’aantummaa seeraa kabachiisuuf ciminaan kan hojjetamu ta’a.
Aminestii Internaashinaal ajjeechaafi gochaa ammeenyaa waraana bilisummaa Oromoofi humna abbaa torbee fi Waraana ABO Shaneen bobbaase arguu dhabuun, taatota fincilaafi dhabamiinsa nageenyaa adda baasee farrajuu dadhabuunsaa loogummaa gabaasichaa kan mirkaneessuu dha. Maddi loogummaa gabaasichaa ammoo, rakkoo qulqullinaafi bilisummaa qorattootaafi namoota maddeen odeeffannoo ta’an, fedhii humnoota qaxxaamuraan aangoo qabachuuf kaataniitiin kan borcame ta’uu ifatti kan agarsiisuu dha. Kana malees, keessoon gabaasichaa ofiinsaa kan wal dhiitu ta’uun ammoo rakkoo qulqullinasaa caalmaatti kan mirkaneessuu dha.
Kan dhaabbata Aminestii Internaashinaal akka eegametti ta’ee, yaalii humnoonni mufattootaa fincila ummataafi dargaggootaan irratti ka’e gara naannoo Oromiyaatti naannessuuf taasisanis akka salphaatti kan ilaalamu miti. Akkuma kaleessa baran sana, ajandaa jeequmsaafi walitti buhiinsaa gegeeddaranii fayyadamuudhaan bakka murtooftetti umrii dheereffachuufi bakkeewwan kaanitti ammoo nageenya dhabamsiisuuf hojjechuurratti hidhamaniiru. Hawwiin isaanii kun hawwii ta’ee hafa malee abadan hin milkaa’u. Aggaammiin badiifi diigumsaa isaan karoorsan hundi irree gamtaa ummataatiin akka fashalaa’u shakkiin tokkollee hin jiru.
Ammaan booda mootummaan humnoota ergama diigumsaa fudhatanii akka sangaa Fardaatti tajaajilan saaxiluun ummatatti agarsiisuun cinaatti, seeratti dhiyeessee kan itti gaafachiisu ta’a. Qaamni yeroo tokkotti bakka nagaafi jeequmsaa keessa dhaabbatu akka sassaabbatuuf tarkaanfiin batrsiisaa ta’e araarama malee ni fudhatama. Kanaan booda waaroo qabsoo uffatanii dhiiga ummataa dhangalaasuudhaan maallaqa sassaabbachuunis ta’e, qaxxaamuraan aangoo qabachuu yaaduun isa dhumaatiif akka dhaabbatu gochuuf ni hojjetama. Qaamni jeequmsa, walitti buhiinsaafi okkara daandii gubbaatiin aangoo qabachuuf yaadus ta’e, gochaan deeggaruuf kaatu martinuu akka adabatu mootummaan cimsee akeekkachiisa. Yakkoota itti gaafatamummaa seeraa hordofsiisan mararratti ragaa ga’aa qindeessuudhaan humnoota kallattiifi al-kallattiidhaan nageenya ummataa booressan adabachiisuufis hojjetamaa jiraachuu asumaan ni yaadachiisa.
Humnoonni dheebuu aangootiin iji isaanii itti jaame Fulbaana 2013tti aangoo qaxxaamuraan qabachuuf hiriiraafi hokkara daandii gubbaatiif of qopheessaa akka jiran ni beekama. Hiriira kanaan nageenyaafi tasgabbii dhabamsiisuun lubbuun namootaa akka darbu gochuun cinaatti, dhibee Koronaa (COVID-19) babal’isuudhaan hoggansa jijjiiramaafi ummatarratti dhiibbaa hammaataa uumuuf hojjechaa kan jiran ta’uunis irratti barameera. Kanuma faana, sabootaafi sab-lammoota naannoo Oromiyaa keessa jiraatan buqqisuufi qabeenya isaanii saamuufis qophiin taasisan jiraachuun hubatameera. Caalmaatti ammoo, magaalota keessatti ajjeechaa hoggansaa humna abbaa torbee ABO Shaneen bobbaaseen raawwatamu babal’isuudhaan humna jijjiiramaa mogolee dhabsiisuuf kaachaa jiraachuunsaaniis adda baheera.
Kanaafuu, mootummaan dhimma ol’aantummaa seeraa kabachiisuufi nageenya amansiisaa bakka hundatti mirkaneessuurratti ummata gahumsaan hirmaachisuun karaa duuba deebii hin qabneen cimsee hojjechaa jira. Humni keessaafi alaa nageenya biyyaafi ummataa booressuufi burjaajii babal’isuurratti bobbaatan akka irraa barataniifi qaamaafi qalbii hojii badiitiif qopheeffatan akka sassaabbatan gochuuf tarkaanfii cimaan kan fudhatamu ta’a.
Jijjiiramni gaaffiifi fedhii ummataatiin dhalate humna kamiinuu hin gufatu!
Caamsaa 2012
Finfinnee
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.