Haala yeroo ilaalchisuun Mootummaan Naannoo Somaalee Ibsa kenne

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC)-Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Somaalee haala yeroo ilaalchisuun ibsa baaseera.

Haaluma kanaan, ciminnii fi tokkummaan dhaabbilee amantaa, nageenyaa fi misooma biyyaalessaa mirkaneessuuf faayidaa olaanaa qabaachuu hubachuun, garaagarummaa dhaabbilee keessa jiru akka dhabamsiifaman gumaachaa gaarii taasisuun ni yaadatama.

Waldhabdeewwan dhaabbilee amantaa keessatti mudatan furmaata kan argatan hojmaataa keessoo dhaabbatichaan akka ta’ee mootummaan kan amanu ta’uu ibseera.

Dhiyeenya kana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa keessatti rakkoon mudates akkaataa barsiifata mana amantichaan furamuu qaba jedheera.

Ta’us, rakkoo mudate kana dhimma amantaarra darbee walxaxaa fi qaamoleen siyaasaa biyya keessaa fi alaa qindoomuun Ityoophiyaa dadhabsiisuuf tattaaffachaa jiraachuu ragaanis ta’e odeeffannoon mirkanaa’uu ibseera.

Kanaaf amantaa da’eeffachuun sochiiwwan nageenya ummataa fi biyyaa rakkoorra buusan Mootummaan Naannoo Somaalee kan mormu ta’uu ibseera.

Wayita Yaa’iin Gamtaa Afrikaa gaggeeffamuuf qophiin xumuramaa jirutti hiriira nagaa qaama dhimmi ilaallatuun hineeyyamamne gaggeessuun sirrii miti jedheera.

Kanaaf, akkaataa murtee humna waloo tikaa fi nageenya biyyaalessaan sochii seeraan alaa kamuu ittisuu fi to’achuuf itti gaafatama isaa kan bahatu ta’uu hubachiiseera.

Jiraattonni naannichaa hundi itti gaafatama heeraa bahachuuf sochii mootummaan naannichaa nageenya eegsisuuf taasisuuf, tumsa akka taasisu waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment