Haala yeroo ilaalchisee naannoo Kibba Lixaa Ityoophiyaa ibsa laate

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC)- Mootummaan Naannoo Kibba Lixaa Ityoophiyaa haala yeroo biyyaalessaa ilaalchisuun ibsa laateera.

Mootummaan waggoottan jijjiiramaa darbanitti tokkummaan dhabbilee amantaa tokkummaa biyyaalessaa barbaachisaa ta’uu amanuun haala qajeeltoowwan heera mootummaa eegeen hojii bal’aa hojjechaa turuun isaa kan beekamu ta’uu ibsameera.

Rakkoolen dhaabbilee amantaa keessatti uumaman furmaata kan argatan hojiimaata keessoo isaaniin ta’uufi rakkichi heera mootummaa qofaan kan furamu ta’uu mootummaan kan hubatu ta’uus ibsameera.

Rakkoon mana amantaa Ortodoksii Waloomaa(Tawahiidoo) keessatti uumame dhimma amantaarra darbee walxaxaa dhufuufi humnoonni siyaasaa biyya keessaa fi alaa kaayyoo badii qaban waliin qindaa’uun rakkoo uumametti fayyadamuun Ityoophiyaa dadhabsiisuuf waliin hojjechaa jiraachuu mootummaan hubachuu addeessameera.

Haa ta’u malee sochiilee amantaa daheeffachuun adeemsifamaniifi nageenya uummataafi biyyaa balaarra buusan kamiyyuu mootummaan naannichaa kan balaaleffatu ta’uu hubachiiseera.

Hiriira seeraan alaafi nageenya uummataa balaarra buusu kakaasuun fudhatama kan hin qabne ta’uu hubatamuu akka qabu yaadachiisuun, mootummaan naannichaa bu’uura heera mootummaan sochiilee seeraan alaa ittisuufi to’achuun itti gaafatamummaa seera kabachiisuu kan ba’atu ta’uu ibseera.

Dabalataanis humnoonni nageenyaa naannichatti argaman murtoo Humna Waloo Nageenyaa raawwachuufi raawwachiisuu akka ba’atan yaadachiiseera.

Abbootiin amantaa Ortodoksii, hordoftoonni akkasumas uummanni naannichaa sochii mootummaan nageenya kabachiisuuf taasisu akka deeggaraniifi tumsan waamicha dhiyeesseera.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment