Haala yeroo ilaalchisee ibsa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Harariirraa laatame

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC) – Bulchiinsi mootummaa naannoo Hararii haala yeroo ilaalchisee ibsa laateera.

Naannoon hararii naannoo nageenyaa, jaalalaa, tokkummaa fi waliin jireenyaa ta’uun Dhaabbata Saayinsii, Bartootaa fi Aadaarraa idil addunyaarraa badhaasaa fi beekkamtii argachuu ibseera.

Ummanni amantii garaagaraa qaban barootaaf nageenyaan, tokkummaa fi waldanda’uun keessa jiraatan, har’as tokkummaan keessa jiraachaa jiran ta’uu ibseera.

Waldhabdeen tibbana mana amantaa Ortodoksii Waloomaa (Tawaahidoo) gidduutti karaa nagaan, miira itti gaafatamummaa olaanaa qabu,bilchinaa fi hojmaata keessoo mana amantichaan akka hiikkatu kan amanu ta’uu himeera.

Erga dhimmichi uumamee hanga ammaatti nageenyaa fi tasgabbii ummataa tiksuuf karaa haqa qabeessaa fi walaba ta’een hojjechaa turuu ibseera.

Waldhabdee uumame kana akka carraatti fayyadamuun haala barsiifata amantichaan ala ta’een qaamoleen socho’anii fi ergama siyaasaa isaanii amantaa daheeffachuun galmaan ga’achuuf socho’an jiraachuu bira ga’amuu eereera.

Farreen nageenyaa fi finxaaleyyiin biyya diiguuf carraa kanatti dhimma ba’achuuf qindoominaan socho’aa jiraachuu ibseera.

Kana hordofee hiriirri Dilbata dhufu gaafa guyyaa 5, 2015 gam lachuunuu waamame nageenyaa fi tasgabbii naannichaa rakkoorra kan buusu ta’uu isaan mootummaan naannichaa kan hin eeyyamne ta’uu hubachiiseera.

Nageenyaa biyyaa fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf itti gaafatummaa isaa kan ba’u ta’uu himeera.

Tattaaffii mootummaan naannichaa nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf taasiisu hunda ummanni akka tumsan gaafateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment