Haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee miidiyaa biyya keessaa fi  alaa Sudaan Kaartumitti argamaniif ibsi laatame

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) – Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal Ayimiroon haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee miidiyaa biyya keessaa fi  alaa Sudaan Kaartumitti argamaniif ibsi laataniiru.

Ambaasaaddar Yibalxaal Midiiyaaleen addunyaa tokko tokkoo odeeffannoo dhugaa irraa fagaate taamsasuun maqaa biyyattii xureessaa waan jiraniif Sudaani fi hawaasni idil addunyaa dhugaa jiru akka hubataniif hojjetamuu qaba jedhan.

Oduu fi shororkaan biyyaa fi uummata diigamu hin qabnu, Ityoophiyaan yeroo dhiyootti nageenyashii ni mirkaneessitti jedhan.

Iddoowwaan hanqinni odeeffannoo jirutti odeeffannoo sirrii dhaqqabsiisuun ga’ee miidiyaa irraa eeggamu ta’uu eeraniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT magaaloota Finfinneerraa Km 370 fagaatan loo’ee waan seeneef Finfinnee marseera jechuun olola sobaa tamsaasuun shororkeessummaadha jedhan.

Ajandaa biraa dabalachuun nageenya biyyaa booressuuf tumsuun fudhatama  hin qabu;gocha badiitis jedhan.

Garichi shororkeessitoonni addunyaarra jiran yakka raawwatan hunda kan raawwate, dhala namaa qofa osoo hin taane beelladoota ajjeessuun garee yakka hammaataa hojjete ta’ee osoo jiruu hawaasni idil addunyaa callisaan ilaaluun daraan kan nama gaddisiisu ta’uu eeraniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa dhimma Sudaan itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu fi Ityoophiyaan nageenya fi misooma Sudaan akka  kan ofii isheetti kan ilaaltu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment