Haala qilleensaa hordofee hoomaan awwaannisaa iddoolee garaagaraatti muudachuu ibsame

Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Haala qilleensaa hordofee hoomaan awwaannisaa iddoolee garaagaraatti muul’achuu Ministeerri Qonnaa Beeksiise.
Baha Naannoo Amaaraa, Godina Walloo Kibbaa, Kaabaa fi godina addaa saba Oromootti hoomaan awwaannisaa muul’achuu Ministeera Qonnaattii Daayreektarri Eeggumsa Biqiltuu obbo Balaayinehi Nigusee Faanaa Broodkaastingi Korporeetiif ibsaniiru.
Baatii Adooleessa kana keessaa naannoo Somaaleettis muul’achuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa hoomicha ittisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.
Kutaalee biyyattii birootti akka hin babal’annee hordoffiin taasiifamaa jiraachuu himaniiru.
Xiyyaaroota 3 fi Heeliikooftarii 4 biifaa keemikaalaa raawwachuuf qophiin ga’aan taasifamuu eeraniiru.
Dhaabbanni Nyaataa fi Qonna Addunyaa (FAO) Keemikaala Liitira kuma 50 laachuuf waadaa galuu obbo Balaayinehiin himaniiru.
Sisaay Geetinnatiitu gabaase.
Suuraan:- Kuusaa FBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment