Finfinnee, Gurraandhala 19, 2014 (FBC) Naannoo Juubaalaanditti haala nageenyaa iddoolee daangaarraa Ityoo- Soomaaliyaa ilaalchisee mariin gaggeeffameera.
Maricharratti Preezdaantii naannoo Juubaalaand, ajajaa Seektar 3, ajajaa Seektar 6, ajajaa olaanaa mootaraayizdii 5ffaa fi hogganaan damee nageenyaa fi odeeffannoo naannoo Juubaalaand argamaniiru.
Ityoophiyaa fi Soomaliyaan seenaan, aadaan fi afaaniin kan walfakkaatan ta’uu eeruun, tokkummaa fi obbolummaa biyyoota lameenii diiguuf Alshabaab halkaniif guyyaa hojjechaa jiraachuu preezdaantiin naannoo Juubaalaand obbo Ahimad Madoobee ibsaniiru.
Kanaaf bakkeewwan hanga Doolloo jiran to’achuun waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.
Ajajaan Seektar 3 Birgaader Jeneraal Zawduu Saxaargee gamasaaniin Somaaliyaatti shororkeessummaan diinaa, walitti bu’iinsi gosaa fi waldhabdeen mootummaa federaalaa fi naannolee kan mul’atan ta’uu eeraniiru.
Tasgabbiin uummataa akka hin jiraanneef qaamolee hojjetan waliin taanee adda baasuun nageenya biyyattii eegsisuuf qophiidha jedhan.
Shira garee shororkeessichaa fashaleessuuf qaamolee bulchiinsaa, nageenyaa fi uummata waliin dhiyeenyatti wal arguun rakkocha furuun barbaachisaa ta’uu ajajaan Seektar 6 Birgaader Jeneraal Abbabaawu Sayid kaasaniiru.
Ajajaa olaanaan mootaraayizdii 5ffaa Koloneel Asaffaa Makonnin gamasaaniin gareen shororkeessichaa Juubaalaandii fi Lixa Somaaliyaa to’achuu kan yaadu ta’uu fi shira isaa dursanii hubachuun mogolee isa buusuu akka qaban dubbachuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.