Finfinnee, Caamsaa 12, 2015 (FBC) – Ministeerri Dhimma Alaa fi Tajaajilli Diyaaspooraa haala maaddii dhalootaf galii walitti qabuun danda’amurratti hoggantoota Miisiyoonootaa waliin marii taasiisaniiru.
Marii Interneetiin taasiifame kanarratti Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseenii fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon argamuun mariisisaniiru.
Maaddii Dhalootaaf tumsa taasiisuuf hojiilee gama Miisiyoonootaan hojjetamaa jiruu, bu’aalee argamee fi kallattii gara fuulduraarratti Ambaasaaddaroota fi Hoggantoota Miisiyoonootaa waliin mari’atamuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.