Haala godaantota Ityoophiyaa Taanzaaniyaarraa gara biyyaa deebisuun danda’amurratti mari’atame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2015(FBC)- Taanzaaniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Shibbiruu Maammoon haala godaantota Ityoophiyaa Taanzaaniyaarraa gara biyyaa deebisuun danda’amurratti Dhaabbata Godaantota Idil Addunyaatti Daayrektara Olaanaa Waamamaa Taanzaaniyaa Maawuriiziiyoo Buusaatii waliin mari’atan.

Mariisaaniin, lammiilee yeroo hidhaa isaanii xumuran gara biyyaatti deebisuuf hojiin kanaan dura eegalame cimee akka itti fufu kaasaniiru.

Deeggarsa Dhaabbata Godaantota Idil Addunyaa barbaachisaa ta’uu kan kaasan Ambaasaaddar Shibbiruun, lammiileen wayita mana hidhaa jiran mirgi namoomaa isaanii eegamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Dhaabbatichi warreen mana hidhaa keessa waggaa dheeraa turaniifi dhukkubsattootaaf dursa kennuu akka qabus ibsaniiru.

Dhaabbata Godaantota Idil Addunyaatti Daayrektara Olaanaa Waamamaa Taanzaaniyaa Maawuriiziiyoo Buusaatiin gamasaaniin, Ityoophiyaanota dabalatee lammiileen biyyoota hedduu karaa seeraan alaa Taanzaaniyaa seenan poolisii biyyattiin to’atamuun manneen hidhaa garaagaraa keessa jiraachuu dubbataniiru.

Yeroo ammaa godaantota Ityoophiyaa deeggarsi hatattamaa barbaachisuuf Embaasii Ityoophiyaa Taanzaaniyaatti argamu waliin qindoominaan hojjechuuniifi adda baasuun haala danda’ameen dursi kennameefi gara biyyaa akka deebi’aniif tattaaffii taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Ambaasaaddar Shibbiruufi daayrektarichi lammiilee gara biyyaa deebi’uuf sanadni imala isaanii Embaasichaan qophaa’aafi jiru 60 ol ta’an waliin mari’achuus ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment