Finfinnee, Amajjii 26, 2015(FBC)- Komishiniin Mirgoota Namoomaa Ityoophiyaafi Ministeerri Barnootaa haala barnoota mirgoota namoomaa sirna barnoota idileefi idileen alaatti makuun danda’amurratti waliigaltee waliif mallatteessan.
Waliigalticha Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaafi Komishinarri Olaanaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Ityoophiyaa Dooktar Daani’eel Baqqalaa mallatteessaniiru.
Kaayyoon waliigaltichaa dhaabbileen lameen itti gaafatamummaa waloo qaban akka ba’ataniifi duudhaalee mirgoota namoomaa hawaasa keessatti cimsuuf ta’uu ibsameera.
Waliigaltichi mirgoota namoomaarratti hubannoo hawaasaa cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu Dooktar Daani’eel kaasaniiru.
Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan gamasaaniin, nageenya waaraa fiduuf akkasumas lammii mirgaafi dirqama isaa beeku uumuuf waliigaltichi murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Yismuu Adaraawutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.