Haala adeemsa filannoorratti mar’atame

Finfinnee, Bitootessa 11, 2012 (FBC) – Dhiibbaa weerarri vaayrsaii koroonaa filannoo bara kanaarratti uumuu danda’uu fi murtee fudhatamuu qaburratti mari’atame.
 
Boordiin Filannoo Biyyaalessa paariilee siyyaasaa waliin dhiibbaa weerarri vaayrsaii koroonaa filannoo bara kanaarratti uumuu danda’uu fi murtee fudhatamuu qaburratti marii taasisuu isaa beeksiseera.
 
Marii kanarratt paartii biyya bulchaa jiru dabalatee paartiileen siyyaasaa 45 hirmaataniiru jedhame.
 
Haala ammaa addunyaan irra jirtuun yeroo itti aanu dhimmoota raawwatamuu qaburatti marsaa lamaan mariin gaggeeffamuu boordichi ibseera.
 
Boordichi haala adeemsa filannoo irratti dhiibbaa sababa weerara dhibee kanaan ga’uu danda’u paartiilee siyyaasaa kanneenif dhiyeessun mariin taasifamuu himameera.
 
Paartiileen siyyaasas dhimmoonni biyya keessaa fi idila addunyaa dhiibbaa inni filannoorratti uumuu danda’u kan hubatan ta’uu ibsuun, haala uummamurratti hundaa’uun murteen fudhatamaa deemuu akka qabu yaada laachuu isaanii ragaan boordicharra argame ni muul’isa.
 
Mariin kun itti fufiinsan kan gaggeeffamu ta’uu himameera.
 
Comments (0)
Add Comment