Haadhaf ilma dabalatee balaa elektirikaan lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2015 (FBC) –Finfinnee fi Naannoo Ummattoota Kibbaatti Haadhaf ilma dabalatee balaa elektirikaan lubbuun namoota 3 darbuu ibsame.

Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee aanaa 3tti ga’eessi umrii 35 balaa Elektirikaan lubbuun isaa darbuu ibsameera.

Magaalaa Finfinneetti baatiwwan lamaan darban keessa balaan Elektirikaa lubbuu namoota 3 galaafachuu ibsameera.

Naannoo Ummattoota Kibbaa Godina Halaabaa aanaa Altootee’aloottis haadaan sarara Elektirikaa citee kufuun lubbuu haadhaa fi ilmaa galaafachu eerameera.

Dubartiin umrii waggaa 23 daa’ima ishee umrii waggaa 2 waliin balaa kanaan du’uu ishee ragaan Poolisii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment