Finfinnee, Mudde 24, 2015(FBC)- Haalli qilleensaa rooba kennaan waan mudataniif kutaalee biyyattii tokko tokkotti roobni gadaanaa fi duumessi akka jiraatu Inistiitiyuutiin Raaga Haala Qilleensaa Ityoophiyaa beeksise.
Inistitiyuutichi raaga haala qilleensaa guyyoota 10’n dhufan Mudde 23 hanga Amajjii 3, 2015 ifoomseera.
Haaluma kanaan, kutaalee biyyattiitti haalli qilleensaa bonaa, gogaa, aduu fi qilleensa’aan itti fufiinsaa qabaata jedheera.
Keessumaa Kaaba-Bahaa, Giddugaleessa, Bahaa fi Kibba biyyattiitti qorri halkanii fi ganamaa dabaluu akka danda’u eereera.
Kana malees darbee darbee haalli qilleensaa rooba kennan cimaa waan adeemaniif kutaalee biyyatti muraasatti rooba gadaanaa fi duumessi akka jiraatu ragaaleen raaga haala qilleensaa ni argisiisu.
Gama biraatiin, Naannoo Oromiyaa Godinaalee Qellem Wallaggaa, Shawaa Bahaa, Arsii, Baalee fi Harargee Lixaa, Naannoo Amaaraa Goondar Kaabaa fi Kibbaa, Gojjam Lixaa, Walloo Kaabaa fi Kibbaa, Shawaa Kaabaa fi Godina Adda Oromiyaa, Tigraay Lixaa, Naanoo Afaar Godina 3, 4 fi 5, Naannoo Sabaa fi Sabalammoota Umatoota Kibbaa Godinaalee Alaabaa fi Haadiyyaa, Naannoo Kibbaa Lixaa Ityoophiyaa Godina Shakkaa, Dirree Dhawaa, Naanoo Somaalee Godina Siitii fa’aa roobaa gadaanaa hanga giddugaleessaa akka argatan beeksiseera.
Kutaalee biyyattii hafanitti haalli qilleensaa bonaa gogaa, aduu fi qilleensa’aan akka itti fufan ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.