Finfinnee, Bitootessa 24, 2013 (FBC)-Guyyoottan torbaan darbanitti Bitootessa 17 hanga Bitootessa 23, 2013 namoonni kumni 14 fi 437 vaayrasii koroonaatin qabamuu Inistityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksiseera.
Namoota qorannoon vaayrasichaa taasifameef 100 keessaa 25 vaayrasichi irratti argamuu inistityuutichi ibseera.
Guyyoota kanneen keessaatti namoonni 149 lubbuu isaanii dhabuu ibseera.
Guyyaa kaleessa qorannoon laabiraatoorii namoota kuma 8 fi 294 kan taasifamee yoo ta’u, kumni 2 fi 372 vaayrasichii irratti argameera.
Yeroo amma kanas tamsa’inni vaayrasichaa kutaa biyyattitti dabaluu inistityuutichi ibseera.
Kan waliin walqabsiisee hawaasaas ta’ee qaamoleen mootummaa qaajelfamoota ba’aan hojiirra olchuu fi mira itti gaafatamummaa tamsa’ina vaayrasichaa akka ittisan waamichi dhiyaatera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.