Finfinnee, Onkololeessa 21, 2017 (FBC) – Guyyoottan kurnan itti aanan naannawaan Rooba waqtii bonaa 2ffaa keessa jiran Rooba Salphaa hanga giddugaleessaa kan argatan ta’uu Inistiitiyuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksiseera.
Haaluma kanaan Naannoo Oromiyaatti Godinaaleen Baalee lamaan, Gujii lamaan, Booranaa lamaan, Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti Godinaaleen Gaamoo, Walaayittaa, Koonsoo, Geedi’oo, Baskeettoo, Goofaa, Oomoo Kibbaa, Ammaarroo fi Burjiin Rooba hamman salphaa hanga giddugaleessaa kan argatan ta’uu ibseera.
Akkasumas naannawaan Gannaa eegalee Rooba argachaa jiran Godinaaleen Wallaggaa arfan, Arsii Lamaan, Harargee Lamaan, Godinni Matakkal, Asoosaa, Kaamaashii fi Godinni Addaa Maa’ookoomoo, Itaangaa, Nuweerii fi Anyuwaak rooba salphaa hanga giddugaleessaa kan argatan ta’uu raageera.
Gama biroon Godinaaleen Shawaa arfan, Finfinnee fi Godinaaleen Giddugaleessa Itiyoophiyaa Rooba salphaa waqtii isaa hineegne argachuu akka danda’an ragaan Inistiitiyuuticharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia