Guyyoottan kurnan itti aanaan kutaalee biyyattii adda addaatti Roobni salphaa hanga cimaa ni eegama –Inistiityuuticha

Finfinnee, Fulbaana 13, 2017 (FBC) – Guyyoottan kurnan itti aanaan kutaalee biyyattii adda addaatti Roobni salphaa hanga cimaa kan eegamu ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise.

Akka raagni Inistiityuutichaa agarsiisuutti, guyyoottan kurnaan itti aanaan keessa Kaaba Lixaa, Kibba Lixaa, Giddugaleessaa fi Lixa Itiyoophiyaatti Roobni hammaan salphaa hanga cimaa ta’e ni eegama.

Haalli roobaa kun oomishaalee fi misooma qonnaaf faayidaa gaarii kan qabaatu ta’uu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment