Guyyoota10n jalqabaa Baatii Fulbaanaa keessa haalli qilleensaa jiraatu hojii qonnaaf mijataa ta’uu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 2, 2016 (FBC) – Guyyoota kurnan jalqabaa Baatii Fulbaanaa keessa haalli qilleensaa jiraatu hojii qonnaaf mijataa ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksiise.

Haalli qilleensaa guyyoota kurnaan itti aanaan keessa jirtu oomisha sadarkaa hundarra jiruuf faayidaa qabaachuu eereera.

Gama biroon Kaabaa fi Kaaba Baha Itiyoophiyaatti hangi jiidhinsa qilleessaa hir’achaa kan adeemu ta’uu ibseera.

Naannawaa horsiisee bulaa fi gariin horsiisee bulaatti Roobni idilee fi idileen olii, darbee darbee ammoo roobni cimaan jiraachuu akka danda’u raaga isaa ibseera.

Sababa kanaan of eeggannoo cimaan taasiifamuu akka qabu hubachiisuu TOI gabaaseera.

Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment