Guyyoota shanan itti aanaan Godinaalee Oromiyaa garaagaraarraatti roobni salphaa hanga cimaa ta’e kan jiraatu ta’uu ibsame

Fi.nfinnee, Sadaasa 8, 2016 (FBC) – Guyyoota shanan itti aanaan Godinaalee Oromiyaa garaagaraarraatti roobni salphaa hanga cimaa ta’e kan jiraatu ta’uu hordofee sassaabbii oomishaaf xiyyeeffannoon akka kennamu waamichi dhiyaate.

Iluu Abbaaboor, Buunnoo Beddellee, Jimmaa, godinaalee Shawaa arfan, Arsii lamaan, Wallaggaa arfanii fi Harargee lamaaniitti roobni hammaan salphaa hanga cimaa ta’e kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Sababa kanaan sassaabbiin oomishaaf xiyyeeffannoon laatamuu akka qabu Biiroon Qonnaa Oromiyaa waamicha dhiyeesseera.

Carraa caamaa argameen kombaayineroonni halkanis dabalatanii akka haaman taasisuu murteessaa dha.

Ummanni carraa caamaa jiruun dafee oomisha akka sassaabu, kombaayinera qofa eeguu osoo hin taane sosochii uumataa bal’aa uumuun xiyyeeffannoodhaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu himeera.

Naannoo oomishni sadarkaa guddinaa irra jirutti haalli qilleensaa ka’uumsa dhibee midhaaniif mijataa waan ta’eef hordoffii cimsuun murteessaa ta’uu hubachiiseera.

Sassaabbii kanarratti sanyii bara dhufuuf dursi akka kennamuu qabu ibseera.

Carraa caamaa argameen dhooftuuwwan addaa fayyadamuun oomisha dhahanii galchuun baay’ee murteessaa ta’uu himeera.

Misooma qamadii jallisiifi jallisii idilee carraa jiidha argamee kanaan qophii lafaafi facaasaa saffisaan bakka midhaan ooyirurraa ke’etti raawwachuun barnaachisaa ta’uubiirichi dhaameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment