Guyyoota Qaammee sadarkaa biyyaatti haala hoo’aa ta’een kabajuuf qophiin xumurame – TKM

Finfinnee, Hagayya 29, 2016 (FBC) – Guyyoota Qaammee sadarkaa biyyaatti haala hoo’aa ta’een kabajuuf qophiin xumuramuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaan qophii kabaja guyyoota Qaammee fi jala bultii bara haaraa 2017 ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Guyyoonni Baatii Qaammee guyyoota lammiileen Itiyoophiyaa bara haaraa abdii haaraan simatan riqicha ce’umsaa ta’uu himaniiru.

Guyyoota kanneen bifa hoo’aa ta’een kabajuuf qophiin barbaachisu hundi xumuramuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan guyyoonni Qaammee shanan moggaasa garaagaraan moggaafamuu himaniiru.

Qaammee 1, 2016 – Guyyaa Ce’umsaa

“Tattaaffiwwan Ce’umsaa, Baatiiwwan Ifa Haaraa”

Qaammee 2, 2016 – Guyyaa Riifoormii

“Riifoormii, tajaajila olaanaaf”

Qaammee 3, 2016 – Guyyaa Birmadummaa

“ Tokkummaa, Birmadummaa Hunda galeessaaf”

Qaammee 4, 2016 – Guyyaa Tokkummaa

“Tokkummaa Keenya Nageenya Keenyaaf ”

Qaammee 5, 2016 – Guyyaa Egeree

“Tattaaffii har’aa bu’aa Egereef” jedhamuun moggaafamuu dubbataniiru.

Guyyoonni kunneen sadarkaa biyyaalessaa, naannolee hundatti, Bulchiinsa magaalotaa fi Embaasiwwan Itiyoophiyaa guutuu Addunyaatti argamutti haala hoo’aa taa’een kan kabaja jechuu isaaniin TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment