Guyyoota kurnan itti aanaan kutaaleen biyyattii harki caalu haala qilleensaa aduu fi qilleensa’aa ta’e kan qabaatan ta’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Guyyoota kurnan itti aanaan kutaaleen biyyattii harki caalu haala qilleensaa aduu fi Qilleensa’aa ta’e kan qabaatan ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa beeksiise.

Guyyoota kurnan dhufan keessa naannawaan biyyattii harki caalu Haala qilleensa Bonaa, aduu fi qilleensa’aa ta’e qabaachuu akka danda’an dhaabbatichi raageera.

Kanaan walqabatee kutaalee Kaabaa, Kaaba Bahaa, Lixaa, Giddu galeessaa fi Gaarreen Baddaa Kibbaatti Halkanii fi Ganama darbee darbe qilleensa haalan qabbanaa’aa ta’e kan qabaatan ta’uu ibseera.

Gama biroon kutaalee Kibba Lixaa, Kibbaa fi Kibba Bahaatti Roobni hammaan salphaa hanga cimaa ta’e jiraachuu akka danda’u raaga isaa himeera.

Akkasumas kutaalee Kaabaa, Bahaa fi Giddugaleessatti roobni waqtii isaa hin eegne jiraachuu akka danda’u eerera.

Waqtii roobaa 2ffaa ta’uu isaa hordofee kutaaleen Kibbaa fi Kibba Bahaa rooba itti fufiinsa qabu qabaachuu akka danda’an raagni kan mul’isu ta’uu himeera.

Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment