Guyyoota Itti aanaan Roobni cimaan balaa lolaa fi sigiga lafaa qaqqabsiisu ni rooba – Inistiityuuticha

Finfinnee, Hagayya 14, 2016 (FBC) – Guyyoota 11 itti aanaan keessa Roobni cimaan balaa lolaa fi sigiga lafaa hordofsiisu kan roobu ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksiise.
Kutaalee biyyattii garaagaraatti Roobni cimaan balaa lolaa fi sigiga lafaa hordofsiisu irra deddeebiin waan roobuuf hawaasni of eeggannoo barbaachisu akka taasiisaan Inistiityuutichi hubachiiseera.
Kutaalee Lixaa, Kaabaa, Giddugaleessaa, Kaaba Lixaa fi Bahaatti Roobni cimaan kan roobu ta’u Inistiityuutiin raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksiiseera.
Kutaalee Kibba Lixaa, Kaaba Bahaa, Giddugaleessaa fi Lixa biyyattiitti Roobni cimaan cabbii makate kan roobu ta’uu himeera.
Naannoo Oromiyaatti Godinaaleen Wallagga Arfan, Bunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Boor, Jimmaa, Shawaa Arfan, Arsii lamaanii, Harargee lamaan, Magaalaan Finfinnee fi Dirre Dhawaan Rooba giddugaleessaa hanga cimaa kan argatan ta’uu himeera.
Akkasumas Naannoo Tigraayitti Godinaaleen Kibbaa, Kibba Bahaa, Kibba Lixaa, Baha, Giddugaleessaa fi Kaaba bahaa, Naannoo Amaaraatti Godinaalee Kaabaa,Giddugaleessaa,Kibbaa Lixa Gondar, Kaabaa, Lixaa fi Baha Goojjam, Awwii, Waaghumaraa, Naannawaa Bahirdaar, Godinaalee walloo, Naannoo Afaaritti Qilbatii, Fantii, Awusii, Maahii. Harii fi Gaabbii, Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti Godinaaleen Matakkal, Asoosaa, Maa’oo Koomoo fi Kamaashii, Naannoo Gaambeellaatti Godinaaleen Nuweerii, Anyuwaak, Maazyiingii fi Itaangi rooba cimaa hanga giddugaleessa kan argatan ta’uu ibseera.
Gama biroon Oromiyaatti Godinaaleen Gujii Lixaa, Baalee lamaani fi Naannoo Somaaleetti Godinaaleen Siitii, Faafanii fi Eerar rooba salphaa kan argatan ta’uu raagera.
Comments (0)
Add Comment