Guyyichi mata duree “Waliigaltee biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessummaaf” jedhuun kabajama-MMF

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)- Guyyaan Sabaa fi Sablammoota, Ummatoota Itiyoophiyaa 19ffaan mata duree “Waliigaltee biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessummaaf” jedhuun akka kabajamu Manni Maree Federeeshinii beeksise.

Sirna kabaja guyyichaarratti Koree olaanaan waltajjiin marii gaggeesseera.

Maricharratti Afyaa’iin Mana Marichaa Obbo Agaanyawu Tashaagar, mirgoonni heeraa, heddumminni akka cimu, waloomnii fi obbolummaan Sabaa fi Sablammoonni Ummatoota Itiyoophiyaa akka jabaatu fi sirni federaalaa akka dagaagu hojiileen garaagaraa gaggeeffamaa turuu yaadachiisan.

Guyyaan Sabaa fi Sablammootaa Itiyoophiyaa 19’n mataa duree “Waliigaltee biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessummaaf” jedhuun wayita kabajamu waliigaltee biyyaalessaa uumuun tokkummaa sabdaneessummaa lammiilee haala cimsuun ta’uu akka qabu ibsuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment