Finfinnee, Eebla 23, 2015 (FBC)- Guyyaatti buddeena kuma 288 kan tolchu Giddugalli Buddeenaa Lammii eebbifameera.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen kantiibota magaalota biyyattii waliin ta’uun giddugalicha eebbisuu miidiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisaniiru.
Sadarkaa Indaastiriitti buddeen oomishuuf giddugalichi akka biyyattiitti kan jalqabaa ta’uu fi guyyaattis buddeena kuma 288 oomishuu akka danda’u eeran.
Giddugalli Buddeenaa Lammii ba’aa haadholii kan salphisuu fi buddeena sadarkaa olaanaan oomishuuf akka dandeessisu ibsaniiru.
“Qormaatilee keenyaan ol taanee waan hindanda’mne waan fakkaatuuf argisiistuu danda’uu keenyaati” jedhan.
Bakkoota garaagaraatti humna, maallaqaaf fi beekumsa qabnu qindeessuun pirojektoota ba’aa jiraattotaa salphisan bocuun hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Giddugalichi haadholii kuma lamaa fi damee garaagaraan dargaggoota kuma tokkoof, walumaagalatti lammiilee kuma sadiif carraa hojii kan uumu ta’uu Aadde Adaanech himaniiru.
Abbootii qabeenyaa ijaarsa giddugalicha fi ba’aa haadholii salphisuuf tumsa taasisan hundaa galateeffataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.