Guyyaan Yaadannoo Wareegamtoota Guraandhala 12 kabajame

Finfinnee, Guraandhala 12, 2016 (FBC)- Guyyaan Yaadannoo wareegamtoota Guraandhala 12, 87ffaan kabajame.
 
Sirnaa yaadannoo guyyichaarratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen haasawaa taasaaniin, Itiyoophiyaan sadarkaa har’aarraa kan geesse wareegama qaalii abbootii fi haadholiin ta’uu ibsan.
 
Bilisummaa fi nageenya keenyaaf wareegama kaffalame hubachuun nageenya bu’uuressuun biyya keenya haa eegnu jedhaniiru.
 
Pireezidantiin Waldaa Gootota Durii Itiyoophiyaa Liji Daani’eel Jootee gama isaaniin, wareegamaa goototaan kaffalame gatii kan qabaatu wayita kabajaan yaadatamuudhas jedhan.
 
Mootummaan gootota kabaja Itiyoophiyaaf wareegamaaniif xiyyeeffannaa kennaa jiruuf galateeffataniiru.
 
Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment