Guyyaan wareegamaa Komishinii Poolisii Oromiyaatti kabajame

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC) – Guyyaan wareegamaa Komishinii Poolisii Oromiyaatti mata duree”Itiyoophiyaaf jecha Aarsaa hunda nan kaffala” jedhuun kabajameera.

Itiyoophiyaan kan ijaaramteefi birmadummaa ishee eegsiiftee har’a geesse aarsaa ilmaan ishee kaffalaniini jedhan Itti Aanaa Hoogganaan Biiroo Bulchinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Jeneraal Abbabaa Garasuun.

Itiyoophiyaa ijaaruu keessatti gaheen gootota Oromoo oolaanaa ta’uu himaniiru.

Itiyoophiyaan kan ijaaramte lafaa fi lafee Oromootin ta’uu himaniiru.

Oromoon dhiigaa itti dhangalaasee, lafee itti cabsee Itiyoophiyaa ijaaruu kasaaniiru.

Guyyichi guyyaa gootonni aarsaa lubbuufi qaamaa kanfaluun birmadummaa biyya eeganii asiin gahaniifi fuulduraattis tiksanii itti fufsiisanta’uu Ittaanaan Komishanaraa Komishinii Poolisii Oromiyaa Abbabaa Laggasaan ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment