Guyyaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaafi sagantaan jalqabsiisa waraqaa eenyummaa diijitaalaa gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015(FBC)- Guyyaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaafi sagantaan jalqabsiisa waraqaa eenyummaa diijitaalaa hoteela Sharaatan Addisitti gaggeeffame.

Daayrektarri olaanaan Bulchiinsa Odeeffannoofi Tikaa obbo Salamoon Sookaa, waraqaan eenyummaa diijitaalaa nageenya lammiilee eegsisuu kan dandeessisudha jedhan.

Dabalataanis lammiileen tajaajila haqa qabeessa mootummaarraa akka argataniifi yakkoota garaagaraa keessumaa yakkoota saayibariifi waliin dhahuu hir’isuuf qooda qabaachuu kaasaniiru.

Daayrektarri Sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaa obbo Yoodaahee Arayaasillaaseen gamasaaniin, lammiin hundi faayidaa diinagdeefi hawaasummaa waraqaan eenyummaa biyyaalessaa qabu hubachuun fedhiin akka irratti hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbileen mootummaa, miti-mootummaafi dhuunfaa dhimmi isaa ilaallatu saganticha akka deeggaran gaafataniiru.

Saganticharratti bakka buutonni ManaMaree Bakka Bu’oota Uummataa, anga’oonni mootummaa olaanoon, dhaabbileen deeggartootaafi qaamoleen dhimmatootaa biroon hirmaachuu ragaan Bulchiinsa Odeeffannoofi Tikaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment