Guyyaan Tuurizimii Naannoo Oromiyaatti Kabajamaa Jira

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2015 (FBC) – Guyyaan Tuurizimii Addunyaa sadarkaa naannoo Oromiyatti yeroo 18ffaaf  magaalaa Hararitti kabajamaa jira.

Guyyichi walta’iinsa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaafi Bulchiinsa Godina Harargee Bahaatiin mata duree “yaadama haaraa Tuurizimii” jedhuun kabajamaa jiraachuu ibsameera.

Kabaji guyyaa tuurizimii kun guyyoota sadiif kan turu yoo ta’u, marii paanaalii, eebba kitaabaa fi dawwanaan ni kabajama jedhameera.

Sirna kabajaa kanarratti  Af Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahimaaniifi sadarkaa Itti aanaa  Pireezidaantii Oromiyaatti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa  Obbo Abdulaakiim Muluu  dabalatee kessummoonni biroon  argamuu ragaan Waajjira pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment