Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Guyyaan Tuurizimii Addunyaa Sadarkaa Magaalaa Finfinneetti mata duree “Tuurizimii guddina hunda galeessaaf “ jedhuun qophiilee garaagaraan kabajamaa jiraachuu ibsameera.
Sadarkaa Itti Aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay, Hooggantuu Aadaa, Aartii fi Tuurizimii Magaalaa Finfinnee aadde Fayizaa Mahaammad fi hoggantoonni olaanoo magaalichaa fi keessummoon waamichi taasifameef argamanitti mooraa Mana Qopheessa Magaalichaa keessatti kabajamaa jiraachuu ibsameera.
Guyyaan tuurizimii kun akka addunyaatti yeroo 42ffaaf akka Ityoophiyaatti ammoo yeroo 34ffaaf kan kabajamu yeroo ta’u, sadarkaa magaalichaatti guyyaa har’aa kaasee hanga Onkoloolessa 5,2014tti qophilee garaagaraan akka kabajamu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarra argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.