Guyyaan tuurizimii addunyaa naannoo Sidaamaatti ni kabajama jedhame

Finfinnee, Fulbaana 11, 2014 ( FBC)- Guyyaan tuurizimii addunyaa sadarkaa biyyaatti Fulbaana 17, 2014 naannoo Sidaamaatti kan  kabajamuu ta’uu ibsame.

Sadarkaa Ityoophiyaatti yeroo 34ffaaf mata duree “ Tuurizimii guddina hunda galeessaaf “ jedhuun kan kabajamuu fi guyyichatti qabeenyi aadaa, seenaa, uumamaa fi nam-tolchee kan daawwataman ta’uu ibsameera.

Ayyaanicha sababeeffachuun agarsiisni ispoortii garaagaraa bifa egzibiishinii fi siimpooziyeemidhaan Fulbaana 12,  2014 irraa kaasee magaalaa Hawaasaa fi naannoosheetti kan kabajamu ta’uu ragaan Ministeera Aadaa fi Tuurizimiirraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment