Guyyaan Tuurizimii addunyaa magaalaa Hawaasaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 14, 2014 (FBC)-Guyyaan Tuurizimii Addunyaa 34ffaaf qophiiwwan garagaraatin naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti kabajamaa jira.

Qophiichi guyyoota lamaaf ni tura jedhameera.

Qophiiwwan egziviishinii dabalatee naannichatti kan argaman iddoowwan tuuristii daawwachuun akkasumas barreeffamoonni qorannoo garagaraa dhiyaachun mariin ni taasifamaan eegama.

Guyyaan kun mata duree ‘tuuriziimii guddina hundagaleessaaf’ jedhuun kan kabajamuu yoo ta’u, hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo federaalaa fi naannoo argamaniiru.

Birhaanuu Bagaashaaw

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment