Finfinnee, Sadaasa 11, 2017 (FBC) – Guyyaan Turizimii Addunyaa kan bara 2017 sadarkaa Oromiyaatti mata duree “Nageenyaa fi Turizimii” jedhuun Godina Arsiitti kabajamaa jiraachuun ibsame.
Saganticharratti Hoggaantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamilaa Simbirruu fi hoggantoonni olaanoo biroon argamaniiru.
Guyyaan Turizimii Addunyaa akka Addunyaatti yeroo 45ffaaf, akka biyyaatti yeroo 37ffaa fi akka Naannoo Oromiyaatti immoo yeroo 20ffaaf kan kabajamu yoo ta’uun ibsameera.
Qabeenya uumamaa fi hambaalee Oromiyaan qabdu beeksisuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun eerameera.
Hirphoo Shibootu gabaase.