Guyyaan Torbee aadaa Magaalaa Shaashamanneetti sirna hoo’aan kabajamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 18, 2014 (FBC) – Torbeen aadaa Oromiyaa mata duree, “Misooma Aadaa keenya guddina turiiziimiif” jedhuun akka Naannoo Oromiyaatti Magaalaa Shaashamanneetti sirna ho’aan ayyaaneeffatamaa jira.

Ganama sa’aatii 12:00 eegalee bakka bu’oota Aadaa Godinaalee Oromiyaa mara irraa dhufaniin agarsiifni aadaa daandii irraa gaggeeffamaa jira.

Kabajni kun guyyoota sadiif kan itti fufu yoo ta’uu agarsiisa aadaa, dorgommiiwwan agarsiisa aadaa;waraqaawwan qorannoo fi agarsiifni guluffii fardaa ni dhihaatu jedhame.

Sirna artistootaf beekkamtii laachuu dabalatee ergaawwan guruguddoon kan irratti darbu ta’uu sagantaa baherraa hubatameera.

Torbee aadaa baranaa kana kan adda godhu, jiloota aadaa naannolee biyyattii hunda afeeruu fi hirmaachisuu isaati jedhame.

Keessummoonni federaalaa fi naannoolee akkasumas jilli aadaa godinaalee sirna kanarratti hirmaachaa jiru.

Daadhii Tufaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment