Guyyaan sirni Gadaa galmee UNESCOtti galma’ee waggaa 4ffaan kabajame

Finfinnee, Amajjii 1, 2013 (FBC) – Sirni Gadaa guyaa galmee Dhaabbata Bartootaa, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti galmaa’e waggaa 4ffaan sirnoota garaagaraan kabajame.
Yuunvarsiitiin Bulee Horaa, Biiroon Aadaa Turiizimii Oromiyaa fi Bulchiinsa godina Gujii Lixaa waliin ta’uun sirnoota garagaraatiin kabajaa jiraachuu ibsameera.
Guyyaan kun marii paanaaliitiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa galma Odaatti kabajamaa akka jiru himameera.
Sagantichaan erga sirni Gadaa gamlee addunyaarratti galmaa’ee hojiileen hojjetaman ni gamaagamamu jedhame.
Hayyoon barreeffama qorannoo dhiyeessuun abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee muuxxannoo qaban qooduu Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa ibseera.
Hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deessisaa, Yuunvarsiitiin Bulee Horaa sirna Gadaa qorannoon deeggaruu bira darbee hanga digirii 3ffaatti barsiisuu eegaluu isaa galateeffataniiru.
Sirni Gadaa bulchiinsa demokraatawaa fakkeessaa osoo hin taane, bulchiinsa demookraasii qulqulluu addunyaan irraa barachuu qabdu ta’uu isaan kunuunsi barbaachisu akka taasiifamuufi qabu ibsameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment