Guyyaan Sagantaa Nyaataa Manneen Barnootaa Afrikaa kabajamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) – Guyyaan Sagantaa Nyaataa Manneen Barnootaa Afrikaa 8ffaan Galma Walga’ii Gamtaa Afrikaatti kabajamaa jira.

Sirna bittaa galtee nyaataa biyya keessaa fi duudhaa dhiyeessa naannawaa guddisuun sagantaa Nyaataa Manneen Barnotaa biyya keessaa Afrikaa mirkanneessuun barnoota fooyyessuu mata duree jedhuun kabajamaa jiraachuu eerameera.

Qooda fudhattoonni biyyoota Afrikaa garaagaraarraa dhufan kabaja kanarratti hirmaachaa jiraachuu himameera.

Sagantaa nyaataa manneen barnoota biyya keessaa Afrikaa mirkanneessuuf Daldala bilisaa naannawaa Afrikaatti fayyadamuun qooda olaanaa qaba jedhameera.

Biyyoonni Afrikaa 30 manneen barnootaa sadarkaa jalqabaatti sagantaa nyaataa manneen barnootaarratti hojjechaa jiraachuu himameera.

Sagantaan nyaataa manneen barnootaa Afrikaa tumsa sagantaa nyaataa Addunyaa fi dhaabbileen deeggartootaa biroo Ministeera Barnootaa biyyoota kanneenii waliin ta’uun sagantaa hojiirra oolaa jiru ta’uu ibsameera.

Qiddisti Abaataatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment