Guyyaan sabaafi Sablammootaa karaa nagaan akka kabajamuuf qaamolee nageenyaa waliin hojjetamaa jira- MMF

Finfinne,Sadaasa 9,2015 (FBC)- Guyyaan sabaafi Sablammootaa 17ffaan karaa nagaan akka kabajamuuf qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu  Manni Maree Federeeshinii ibse.

Manni marichaa kabaja guyyicha ilaalchisee miidiyaaleef ibsaa laateera.

Guyyichi taateewwan walitti dhiyeenyaafi waliin jireenya akkasumas duudhaalee waloo cimsaniin naannoo Sidaamaa Magaalaa Hawaasaatti kan kabajamu ta’uu eerameera.

Guyyichi mata duree “Tokkummaa sabdaneessuummaa Nageenyaa waaraaf “ jedhuun kan kabajamu yoo  ta’u, yaaddoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf qaamolee nageenyaa federaalaafi naannichaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhameera.

Salamoon Yitayyawutuufi Wandimmuu Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment