Guyyaan sabaaf sablammootaa kabajamuun biyya sabdaneessaa ijaaruuf qooda qaba – Obbo Musxafee Mahaammad

Finfinnee, Sadaasa 27, 2016 (FBC) – Guyyaan sabaaf sablammootaa kabajamuun biyya sabdaneessaa ijaaruuf qooda olaanaa qabaachuu Pireezidaantiin Mootummaan Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad.

Obbo Musxafeen guyyaa sabaaf sablammootaa 18ffaa naannichatti kabajamu ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Guyyichi Naannoo Somaalee magaalaa Jigjiggatti kabajamuun isaa hiikaa adda qabaachuu eeraniiru.

Ayyaanichi haala midhagaa ta’een kabajamaa jiraachuu himaniiru.

Qaamooleen nageenyaa fi dhaabbiileen tajaajilaa qophii xumuruun gara hojiitti galuu ibsaniiru.

Guyyaan Sabaaf Sablammoota kabajamuun biyya hammattuu fi Sabdannessaa ijaaruuf qooda olaanaa qabaachuu eeraaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment