Guyyaan Sabaaf Sablammootaa 18ffaan Naannoolee garaagaraatti kabajamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC) – Guyyaan Sabaaf Sablammootaa 18ffaan Naannoolee garaagaraatti kabajamaa jiraachuu ibsame.

Naannoo Harariitti guyyaan Sabaaf sablammootaa 18ffaan sagantaalee adda addaan kabajama jiraachuun ibsameera.

Guyyichi mata duree “Heddumminaa fi walqixxummaa Tokkummaa biyyaalessaaf” jedhuun sagantaalee garaagaraafi Marii Paanaaliin kabajamaa jiraachuu eerameera.

Pireezidaantii naannichaa Obbo Ordiin Badrii fi Af Yaa’iin naannichaa Obbo Sulxaan Abdulsalaam saganticharratti argamuu ibsameera.

Haaluma walfakkaatuun guyyaan sabaaf Sablammoota 18ffaan Naannoo Kibba Itiyoophiyaatis kabajamaa jira.

Guyyichi Godina Koonsoo magaalaa Karaatitti qophiilee garaagaraan kabajamaa jiraachuun eeraameera.

Af Yaa’ii Mana Maree Naannichaa Obbo Addaamaa Timtsaayee fi qondaaltonni mootummaa naannichaa biroon saganticharratti argamaniiru.

Iyyoonaadaab Anduu’alemii fi Biiroo Kominikeeshinii naannoo kibba Ityoophiyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment