Guyyaan Sabaaf Sablammootaa 18ffaan Godina Harargee Bahaa Magaalaa Hararitti marii Paanaaliin kabajame

Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC) – Guyyaan Sabaaf Sablammootaa 18ffaan Qindoomina Godina Harargee Bahaafi Magaalaa Mayaan mata duree “Heddumminniifi Walqixxummaan Tokkummaa Biyyaalessaaf!” jedhuun marii Paanaaliin kabajameera.

Bara kana guyyaa kabaja ayyaanichaa sababeeffachuun baatiwwan sadaasaa bara 2016 kana keessa hojiiwwan fayyadamummaa ummataa dhugoomsuu danda’an sosochii hawaasaa uumuun hojiin tajaajilalamummaa garaa garaatiin hojjetamaa turuu Itti Aanaan Af Yaa’ii Caffee Oromiyaa Obbo Eeliyaas Ummataan ibsaniiru.

Bulchituun Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mohaammad gama isaaniin biyya jaalalalafi tokkummaa, sabdaneettii kan taate Godina Harge Bahaafi Magaalaa Maayaatti guyyaan saboota sablammootaafi Ummattootaa Itiyoophiyaa i kabajuuf carraa argannetti gammanneerra jedhan.

Itiyoophiyaa badhaateefi Addunyaaf fakkeenya taate uumuuf duudhaalee sirna federaalizimi qabatamaan hojiirra oolchuu barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Marii Panaalii kanrratti Hoggantootni Olaanoo Sadarkaa Federaalaafi Naannoo, Hayyoota, Abbootii Gadaa, Abbootii Amantaafi Haadholii Siinqee dabalatee kutaaleen hawaasa garaa garaa argamuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment