Finfinnee, Sadaasa 29, 2014 (FBC) – Guyyaan sabaa fi sablamootaa 16ffaan Mata duree ‘Obbalummaa, tokkummaa sabdaneessummaf’ jedhuun magaalaa Jimmaatti bifa hoa’aa ta’een kabajameera.
Ayyaana kanarratti sabaafi sablammootni magaalaa Jimmaa keessa jiraatan kan hirmaatan yoo ta’u, haala yeroo irratti mariin taasifameera.
Itti aantuun Af Yaa’ii magaalaa Jimmaa Aaddee Kadijjaa Moggaa, mootummaan sirna fedaraalizmii dhugaa diriirsuuf sochii taasisu keessatti sabaafi sablamootni dammaqinaan hirmaachuu qabu jedhaniiruu.
Itti gaafatamaan partii badhaadhinaa magaalaa Jimmaa obbo Lataa Ashabbir gamsaaniitii, aggaammiin gareen shororkeessaan ABUT Ityoophiyaarratti bane, aggaamii sabaafi sablammoota 85 olirratti baname ta’uu himaniiru.
Sabaafi sablammootni deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasiisan cimsanii itti fufuun awwaalcha garee ABUT ariifachiisuu akka qaban gaafataniiru.
Ayyaanicharratti gurgugrtaan boondii hidha haaromsaa raawwatameera.
Muktaar Xahaatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.