Guyyaan Sabaaf sablammoota Ityoophiyaa kabajamuun tokkummaa sabootaa cimsuuf qooda olaanaa qaba – Obbo Aganyahu Tashaagar

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Guyyaan Sabaaf sablammoota Ityoophiyaa marsaa 17ffaan mata duree ‘’Tokkummaa Sabdaneessummaa Nageenya Waaraaf’’ jedhuun Magaalaa Hawaasaatti kan kabajama ta’uu Manni Maree Federeeshinii beeksiiseera.

Manni Maree Federeeshinii kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaa kana ilaalchisee hayyootaa, dhaabbilee miidiyaa fi hoggantoota kominikeeshinii waliin mari’ateera.

Guyyaan kun yeroo kabajamu karaa tokkummaa Sabootaa fi Sablammootaa cimsuun ta’uu akka qabu Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Ityoophiyaa Obbo Aganyahuu Tashaagar himuu ragaan Mana Maree Federeeshiniirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment